Jibriil Ahmed official
Osoo hin du'in jiraadhu! Addunyaa kanarraa wanti ilma namaa hundaa tasgabbeessu tokko ni jira. Innis jecha “wanti hunduu ni darba jedhuudha.” Gaddis ni darba; gammachuunis ni darba; fedhii fi hawwiinis ni darba; fedhiin wanta ilma namaa barbaachisu yoo ta'u, hawwiin immoo waan ilmi namaa barbaadudha. Kunis ni darba; guyyaanis ni darba; yeroonis ni darba; umrii fi bareedinnis ni darba; qabeenyis ni darba; isa biraa dhiisi anaa fi atis ni darbina. Uumama lafa kanaa hundarrattii fi lafa kanarratti olaantummaan ajajaa ta'ee kan jiraatu rabbii uumama uume qofa. Maarree wanta darbuuf jennee maaf darbaa cinqamna? Maaf sammuu keenya dhiphisna? Ol jedhii har'a lubbuu keetitti jireenya hori! Sammuu keetitti sanyii otoo hin du'in si jiraachisu facaafadhu! Wanta jaallattu kan kee taasifachuuf socho'i! Isa dhufu akka dhufaatii isaatitti keessummeessuf qophaahi! Osoo lafa kanarraa hin godaanin jireenya jiraachuf dhalatte guutuu dhandhami! Otoo hin du'in jiraadhu dha...