Ijoollummaa keessatti
ijjoollummaa keessa gangaladhu, baran beekaa ofitti fakkadhu, baran humnaa nis ana qofatu jira kan jedhu sadarkaa natti dhaga’amurra, bara haadhaaf abbaa kabajuu irraa isaan na kabajuu keessi koo dheebotu ture. Umuriin kunis umurii dardarummaa jedhamtudha. Akka waan adduunyaan kun sirka jirutti sadarkaa si yaachiisudha. Naannoo keenya abbootiin aadaa Fi amantaa hedduutu jiru, garuu nuti dargaggoonni yaada fi gorsa isaan irra darbinee wantoota gaabbiitti nu galchan hedduu dalagaa oolla. Guyyaa keessaa guyyaa tokko ka’ee abba gorsaa manguddoo jedhaman tokko cinaa deemeen akkan isaan itti nama gorsaan ilaalun dhaqe. Kayyoon manguddoo kana bira deemuu koo gorsa sanan na jijjirama kan jedhu osoo hin taane, namoonni nannoo keenyaa maaliif gorsa abbaa ebeluu jedhanii Gurra na dhukkubsu kan jedhu irraan ka’e gara isaani imale. Isaaniis faarri koo guuttummatti waan itti hin tolleef, na yaamanii maaliif akkan dhufe yeroo na gaafatan, anis osoon hin sobiin dhaggeeffachuu caalaa ilaaluu fi isaa...