Ijoollummaa keessatti
ijjoollummaa keessa gangaladhu, baran beekaa ofitti fakkadhu, baran humnaa nis ana qofatu jira kan jedhu sadarkaa natti dhaga’amurra, bara haadhaaf abbaa kabajuu irraa isaan na kabajuu keessi koo dheebotu ture. Umuriin kunis umurii dardarummaa jedhamtudha.
Akka waan adduunyaan kun sirka jirutti sadarkaa si yaachiisudha. Naannoo keenya abbootiin aadaa Fi amantaa hedduutu jiru, garuu nuti dargaggoonni yaada fi gorsa isaan irra darbinee wantoota gaabbiitti nu galchan hedduu dalagaa oolla.
Guyyaa keessaa guyyaa tokko ka’ee abba gorsaa manguddoo jedhaman tokko cinaa deemeen akkan isaan itti nama gorsaan ilaalun dhaqe. Kayyoon manguddoo kana bira deemuu koo gorsa sanan na jijjirama kan jedhu osoo hin taane, namoonni nannoo keenyaa maaliif gorsa abbaa ebeluu jedhanii Gurra na dhukkubsu kan jedhu irraan ka’e gara isaani imale.
Isaaniis faarri koo guuttummatti waan itti hin tolleef, na yaamanii maaliif akkan dhufe yeroo na gaafatan, anis osoon hin sobiin dhaggeeffachuu caalaa ilaaluu fi isaan madaaluu kan dhufe ittin hime.
Abbaan gorsaas tokkicha hafuura dheeraa baafatee utuun ilaaluu ija isaa laman keessa dhiibbaa addan waan dhiibame kan fakkatu immimmaan lakkuu lakkuu gadi roobu argeen jechoota koo amman isaanii jedhe keessa arrabsoon akka jirun of madaale garuu nan dhabe.
Maaliif akka isaan boo’aniis isaan gaafannan deebiin isaanii callisuu ture. Erga daqiiqaa muraasa turanii booddee akkas jechuun afaan saaqatan: ilmoo koo ija qabata niif hin argani, gurra qabataniifis hin dhaga’ani, onnee qabata niifis goota hin ta’an hubadhu ilma koo anis yeroon umurii akka kee kana irra jiru manguddoo naannoo keenyaa jiran dogoggoree akka isaan guyyaa tokko na gorsaniif carraa laadheefi hin beeku.
Anis immo akkas jedheen, erga akkas ta’e ani yaada keessan isa gaarii sana qabadheen jira kaa!! Lakki ilmoo koo baayyeen nama kan inni haasa’uu gorsa maatii fi abboota isaa irraa dhaaledha. Ani garuu yeroo akka kee kana isaan irraa galaa naaf ta’u waanaan hin fudhanneef, jireenya koo irraa kaaseen nama gorsa.
Sababa gorsaan qabamee guddachuu dhabuu koorran kan ka’e, kunoo har’a dhiphoon jireenyaa gatii humnaan olii na baasiisteetti. Yaa ilma koo irreen kee si dhiisee deema hiree (ga’ee) rabbi siif kaa’etu sitti hafa. Sadarkaa wantoota amma ati gaggaariidha jette hojjechaa jirtu kun harki caalan isaa faallaa dubbii keeti.
Biqiltuun har’a gadi suuqte bor gaaddiisa akka siif ta’uu,dabni ati dalgees bor akka aduu saafaatti si guba. waantota ati ittiin dhaaddattu lakka’imee, baay’eetu jiru amma,kan kiyya ilaali garuu 1 qofa innis gorsan siif galaasaa jiru kan qofadha, argattee atis boriis isaa akkakoo kana jalaa ooluudhaaf itti yaadi. Bara manguddummaa kee alaanfattee nyaachuuf, amma alala hin guurrin (cimsi hojjedhu, waan hojjettu hin balleessiin)
Yaa obbolaakoo gorsa Abbaan Koo kun naaf galaase irra dhapheen ija jabaadhe anis Sinittan dubbadha. Dargaggummaa keetti hin qoosiin,gaabbii bara jireenya Kee keessaa ba’uu hin dandeenye keessa lixee ba’uufis humna hin dhabbin.
Jabaadhuun dhaamsa kooti.
GORSI JAARSAA BORIIF KAASAA
Yaa hordoftoota toora maarsaariitii keenyaa, maxxansa kana irraa waan guddaa akka baratttan abdii guddaan qaba. Ammas qopiilee biro baayeetu as irratti isiniif dhiyaata waan taeef yeroo biraas gara toota maarsaariitii keenyaa kanaatti deddeebiaati nu hordofa.
Wantoota karaa toora maarsaariitii keenya kanaa isiniif akka dhiyaatu barbaaddan yaada keessan nuuf barreessa. Kanenus.com miidiyaa keessanidha
Namoota qajeelchaniiyaadanii fi jal’isanii yaadan
Comments
Post a Comment