Posts

Artist Haccaluu hundessaa

Haaceen koo... Waggaa lamaan har'aa akkas jedhee geerare... ~ Jirra kaa jirra jirra Utuu hin cabiin hokkollus Kunoo har'a geenyeerra Seenaa afaan saaqneerra.. Kara deemtuun ni wacci Waa'ee gootaa haasofna Waa'ee Gabayyoo haasofna Gabayyoo Gurmuu haasofna Waa'ee Balaay haasofna Balaay Zallaqaa haasofna Waa'ee Garasuu haasofna Garasuu Dhukii haasofna Waa'ee Abdiisaa haasofna Abdiisaa Aagaa haaaofna... ~ Ijoolleen Hacee jirtuu? "Jirra" jedhaa......! ~ Riqicha ragaan waamaa Riqicha finfiinnee guddaa isa Finfinnee jiru Namni yoo seenaa dabses Lafti seenaa hin jijjiiru... Eenyu akka isarra ce'ee Oromia hunkure Eenyu paastaan gowwoomee Akka saba gurgure.. Eenyutu isarra ce'ee Akka finfiinnee dhaqe Eenyu akka baandaa ta'ee Dhiiga dhiiraa gad naqe... Har'an falmee sirreessa Seenaa karaarraa maqee... ~ Hacaaluu gaafa wayyaanee Hacaaluu gaafa barkumee... Hacee gaafa barkumee Hacaaluu qoricha Oromia ! ~ Baddaa loomiin hurrumaa Gaangeen hi...

Jibriil Ahmed official

Osoo hin du'in jiraadhu! Addunyaa kanarraa wanti ilma namaa hundaa tasgabbeessu tokko ni jira. Innis jecha “wanti hunduu ni darba jedhuudha.” Gaddis ni darba; gammachuunis ni darba; fedhii fi hawwiinis ni darba; fedhiin wanta ilma namaa barbaachisu yoo ta'u, hawwiin immoo waan ilmi namaa barbaadudha. Kunis ni darba; guyyaanis ni darba; yeroonis ni darba; umrii fi bareedinnis ni darba; qabeenyis ni darba; isa biraa dhiisi anaa fi atis ni darbina. Uumama lafa kanaa hundarrattii fi lafa kanarratti olaantummaan ajajaa ta'ee kan jiraatu rabbii uumama uume qofa. Maarree wanta darbuuf jennee maaf darbaa cinqamna? Maaf sammuu keenya dhiphisna? Ol jedhii har'a lubbuu keetitti jireenya hori! Sammuu keetitti sanyii otoo hin du'in si jiraachisu facaafadhu! Wanta jaallattu kan kee taasifachuuf socho'i! Isa dhufu akka dhufaatii isaatitti keessummeessuf qophaahi! Osoo lafa kanarraa hin godaanin jireenya jiraachuf dhalatte guutuu dhandhami! Otoo hin du'in jiraadhu dha...

Jibriil Ahmed official

HORTEE LATIINSA OROMOO ______________________________ Booranii kaa Oromoti Oromoon kaa xaboti Xaboo kaa waaqoti Waaqoo kaa dadhiti Dadhiin kaa uteeti Uteen kaa biteeti Bitee kaa waalabuti Waalabuu kaa jilichati Jilichi kaa daawaroti Dawaroo kaa hoofati Hoofaan kaa sharati Sharaan kaa haadiyati Haadiyaan kaa Rabati Rabaan kaa dooriti Dooriin kaa mormor Mormor kaa mamati Mamaan kaa warari Warar kaa waayuti Wayuun kaa goodedi Gooded kaa maridhati Marin kaa galani Galan kaa waaditi Waadin kaa shunkur Shunkur kaa lmaar Imaar kaa batayi Batay kaa lubaay Lubaay kaa Malik Malik kaa kuush Kuush kaa haamii Haamii kaa nuuhii Nuuhii kaa Malik Malik kaa matoshati Matoshan kaa yahiti Yahati kaa muhalalii Muhalal kaa Akuni Akun kaa Anushi Anush kaa shishiti Horten dhalaa namaa akkati seennaa tatee dhalotaf dabartii????? ==

Jibriil Ahmed official

https://www.blogger.com/profile/01534588636334976746

Jibriil Ahmed official

Wanti hin mul'anne Kan keeysakee jiru Kaayyoo ati qabdu Kan abjuukee jijjiiru Of keeysa qabattee Yoo of dhageeyfatte Humnakee abdadhu Akkan hafne kuftee Namni hundi jabaadha Sammuun taatu fayyaa Wanta Sirraa eeggamu Hunda bahuu wayyaa Haala kam keeysattuu Karooraan yoo deemte Sodaattee hin dhiiftu Yoo rakkoo qunnamte Yoomuu abdiin murin Hammamuu rakkattu Jireenyaaf qabsaa'i Hamma injifattuu Sirraa fagoo taatus Fedhiin keeysa keetii Murteeysaan atuma Milkiif fedhiin teetii Ammallee jabaadhu Deemi fuul duratti Hamileedhaa caphxee Hin hafin karattii @JibriilAhmedGroupHelpOfficial @JibriilAhmed

Ijoollummaa keessatti

ijjoollummaa keessa gangaladhu, baran beekaa ofitti fakkadhu, baran humnaa nis ana qofatu jira kan jedhu sadarkaa natti dhaga’amurra, bara haadhaaf abbaa kabajuu irraa isaan na kabajuu keessi koo dheebotu ture. Umuriin kunis umurii dardarummaa jedhamtudha. Akka waan adduunyaan kun sirka jirutti sadarkaa si yaachiisudha. Naannoo keenya abbootiin aadaa Fi amantaa hedduutu jiru, garuu nuti dargaggoonni yaada fi gorsa isaan irra darbinee wantoota gaabbiitti nu galchan hedduu dalagaa oolla. Guyyaa keessaa guyyaa tokko ka’ee abba gorsaa manguddoo jedhaman tokko cinaa deemeen akkan isaan itti nama gorsaan ilaalun dhaqe. Kayyoon manguddoo kana bira deemuu koo gorsa sanan na jijjirama kan jedhu osoo hin taane, namoonni nannoo keenyaa maaliif gorsa abbaa ebeluu jedhanii Gurra na dhukkubsu kan jedhu irraan ka’e gara isaani imale. Isaaniis faarri koo guuttummatti waan itti hin tolleef, na yaamanii maaliif akkan dhufe yeroo na gaafatan, anis osoon hin sobiin dhaggeeffachuu caalaa ilaaluu fi isaa...

Jibriil Ahmed